Holola Waliigalaa Balaa Waliin Walqabatu

Yeroo baayyee balaa booda oduu fi holola hedduutu jira. Wantoota salphaa sadii hojjechuun tamsa'ina holola dhaabuuf gahee keessan ba'aa: 

  1. Maddoota odeeffannoo amanamoo barbaadi. 
  2. Odeeffannoo maddoota amanamoo irraa qooda. 
  3. Namoonni biroo odeeffannoo madda hin mirkanoofne irraa akka hin qoodne abdii kutachiisi. 

Hamii

Akaakuu gaaffiitiin calaluuf sajoo tarree fayyadami, ykn jecha furtuu barreessi.

Lakkoofsa wayii irratti bilbiluun gargaarsa kaffaltii kutaa hoteelaa FEMA irraa gaafachuu hin dandeessan.

Haa ta’u malee, FEMA baasii mana jireenyaa namoota dhuunfaa fi maatii ulaagaa guutaniif deebisuu ni danda’a. Gargaarsa kana fayyadamuu akka dandeessan ilaaluuf,  DisasterAssistance.gov irratti iyyadhaa.

Kuni dhugaa miti. FEMA gargaarsaaf iyyachuuf ykn sakatta’iinsa argachuuf kaffaltii akka kaffaltan gonkumaa isin hin gaafatu. 

Yoo odeeffannoo hannaa, qisaasamaa ykn miidhaa qabaattan sarara bilbilaa FEMA Disaster Fraud Hotline 866-720-5721 irratti bilbiluun maqaa keessan osoo hin himiin gabaasuu dandeessu. Akkasumas StopFEMAfraud@fema.dhs.gov irratti iimeelii erguu dandeessu.

Kun soba. FEMA qulqullina gargaaruun torban torbaniin namootaaf kaffaltii hin kaffalu.

Haa ta’u malee, yeroo balaa tokko tokko FEMA namoota dhuunfaaf gargaarsa yeroo tokkoo kennuudhaan mana isaanii akka qulqulleessan gargaaruu danda’a. Ulaagaa guutuu keessan adda baasuuf, DisasterAssistance.gov irratti iyyadhaa.

Kuni dhugaa miti. Yoo inshuraansii qabaattan gargaarsa FEMA iyyachuu dandeessu garuu immoo gaaffii inshuraansiis galmeessuun dirqama. FEMA baasii inshuraansii keessan uwwisuu danda’u hanga qubsuma inshuraansii ykn dhorkuu keessan nuuf ergitanitti gargaaruu hin danda’u, garuu FEMA kasaaraa biroo inshuraansiin hin haguugne irratti isin gargaaruu danda’a. Inshuraansiin kaffaltii baasii balaa wajjin walqabatee bahu guutuu kan hin haguugne yoo ta’ee fi qubsumni keessan maallaqa guddaa FEMA kasaaraa sanaaf kennuu danda’u gadi yoo ta’e, gargaarsa FEMA argachuuf ulaagaa guutuu dandeessu.

Odeeffannoo dabalataaf fuula FAQ daawwadhaa.

Haalota Irratti hundaa'a. FEMA kaffaltii bittaa sana deebisuu danda’a yoo humna dhabdanii fi jenereetarichi meeshaa fayyaatiin barbaachisuuf humna kennuuf kan barbaachise yoo ta’e, kunis firijii qorichoota barbaachisan kan akka insuliinii dabalatee ta'uu danda'a. Ulaagaa guutuuf, meeshaan sun yaala fayyaatiin akka barbaachisu sanada ibsu dhiyeessaa tajaajila yaalaa irraa dhiyeessu qabdu.  

Haalota tokko tokkoo keessatti, fedhiin yaalaa jenereetariif barbaachisu dhiifamuu danda’a, kunis namoota dhuunfaa fi maatii sababa balaatiin humna dhabaniif kaffaltiin deebii akka kaffalamu hayyama.

Qajeelfama balaa addaa, kanneen akka:

  1. Balaa kanaaf kaffaltiin deebii jenereetarii yoo dhihaate.
  2. Yoo gargaarsa kanaaf ulaagaa guuttan.
  3. Garaagarummaa guyyaa jenereetarii bitachuu fi kaffaltii deebii argachuu itti dandeessanii.

Kuni dhugaa miti. Bishaan inchii shan qofti miidhaa doolaara 25,000 ol geessisuu danda'a.

Odeeffannoo dabalataaf fuula  National Flood Insurance Program  daawwadhaa.

Kuni dhugaa miti. Imaammattoonni inshuraansii abbaa manaa akka idileetti miidhaa lolaa hin haguugu. Inshuraansiin lolaa akkaataa idileetti imaammata addaati.

Inshuraansii lolaa bitachuuf ykn caalaatti baruuf fuula National Flood Insurance Program daawwadhaa.

Kuni dhugaa miti. FEMA lammiilee U.S. ulaagaa guutan, namoota lammii hin taanee fi alagaa ulaagaa guutaniif gargaarsa maallaqaa kennuu ni danda’a.

Yeroo argaman leecalloon lubbuu baraaruu kan akka bakka boqonnaa, nyaataa fi bishaan, gorsa muddamaa, bulchiinsa dhimma balaa, sagantaa gargaarsa soorata dabalataa balaa fi tajaajilli seeraa balaa irraa hafan lammummaa fi haala immigireeshiniin osoo hin qoodiin ni kennamu.

Caalaatti baruuf fuula keenya Ulaagaalee Haala Lammummaa fi Immigireeshinii Faayidaa Mootummaa Federaalaa (Citizenship and Immigration Status Requirements for Federal Public Benefits)  daawwadhaa.

Haalota Irratti hundaa'a. Xalayaan iyyanni keessan “hin raggaasifamne” ykn “guutuu miti” jedhu yeroo isin qaqqabu haala iyyata keessanii toora interneetiin ilaaluu dandeessu ykn odeeffannoo dabalataaf Sarara Gargaarsa FEMA, 800-621-3362 iratti bilbiluu dandeessu.

Xalayaan kun odeeffannoon dabalataa ni barbaachisa jechuu ta’uu danda’a, ykn gargaarsi balaa FEMA osoo hin kennamin dura gaaffiin inshuraansii keessan xumuramuu qaba jechuu danda’a.

Kuni dhugaa miti. Gargaarsi FEMA gibira kan nama hin kaffalchiifne yoo ta’u, ulaagaa Wabii Hawaasummaa, Medicaid ykn faayidaa federaalaa biroo argachuuf qabdan irratti dhiibbaa hin geessisu.

Last updated