Rumor: Gargaarsa federaalaaf iyyachuuf lammii U.S. ta’uu qabda.
Fact
Kuni dhugaa miti. FEMA lammiilee U.S. ulaagaa guutan, namoota lammii hin taanee fi alagaa ulaagaa guutaniif gargaarsa maallaqaa kennuu ni danda’a.
Yeroo argaman leecalloon lubbuu baraaruu kan akka bakka boqonnaa, nyaataa fi bishaan, gorsa muddamaa, bulchiinsa dhimma balaa, sagantaa gargaarsa soorata dabalataa balaa fi tajaajilli seeraa balaa irraa hafan lammummaa fi haala immigireeshiniin osoo hin qoodiin ni kennamu.
Caalaatti baruuf fuula keenya Ulaagaalee Haala Lammummaa fi Immigireeshinii Faayidaa Mootummaa Federaalaa (Citizenship and Immigration Status Requirements for Federal Public Benefits) daawwadhaa.