- Iyyattoota Inshuraansii qaban
Yoo karaa FEMA iyyattanii fi miidhaa mana keessan irra ga’eef inshuraansii qabaachuu keessan gabaastan, xalayaa qubsuma inshuraansii ykn dhorkuu FEMAtti dhiyeessu isiin barbaachisa. Akka seeraatti, FEMA n kasaaraa maddoota birootiin uwwifameef beenyaa lammataa kennuu hin danda’u.
Iyyattoonni Murtii FEMA Jalqabaaf yoo Iyyatan
Xalayaa FEMA keessan sirriitti dubbisaa: murtii FEMA ol’iyyannoo yoo filattan maal akka galchitan odeeffannoo dabalataa ni kenna. Guyyaa xalayaan keessan irratti barreeffame irraa eegalee guyyoota 60 qabdu.
Sanadoota keessan karaa hedduudhaan FEMA f galchuu dandeessu.
- Karaa Toora Interneetii:Akkaawuntii FEMA keessan fayyadamuudhaan. Akkaawuntii FEMA banachuuf, DisasterAssistance.gov daawwadhaa, “Apply Online” irratti cuqaasuun qajeelfama hordofaa.
- Iimeeliidhaan: Giddugala Tajaajila Adeemsa Biyyaalessaa (FEMA National Processing Service Center) FEMA, Lakk.S. Poostaa 10055, Hyattsville, MD 20782-7055
- Faaksiidhaan: 800-827-8112, Xiyyeeffannoo: FEMA
- Qaamaan: Giddugala Agaggama Balaa kamiyyuu daawwadhaa. Giddugala asirraa ilaalaa: fema.gov/DRC.
- Yaadachiisa: Guyyaan Iyyannoo Xumuraa Fulbaana 27, 2024
Warra iyyannoo hin galchinee fi gargaarsa agaggamaa barbaadaniif, marsariitii DisasterAssistance.gov, appii mobaayilaa FEMA buufachuudhaan ykn Sarara Gargaarsa FEMA 800-621-3362 bilbiluun adeemsa iyyannoo jalqabuu danda'u. Yoo tajaajila viidiyoo rileey, tajaajila kapshinid telefoonii ykn kanneen biroo fayyadamtan, tajaajila sanaaf lakkoofsa keessan FEMA f kennaa.
Yeroo xumuraa Fulbaana 27 dura iyyachuu keessan mirkaneeffadhaa. Odeeffannoo dabalataa waa’ee hojii balaa irraa dandamachiisuu Minnesota argachuuf www.fema.gov/disaster/4797 daawwadhaa.