Odeeffannoo Ji'a Tokko: Namoota Minnesota Bayyanatanii Lakkoofsaan

Release Date Release Number
DR-4797-MN NR-13
Release Date:
August 27, 2024

ST. PAUL – Obomboleettii fi lolaa Waxabajjii 16 – Adoolessa 4 hordofuun labsii balaa guddaa Minnesota keessatti gargaarsi dhuunfaa federaalaa erga dabalamee ji’a tokko booda, gargaarsi federaalaa gara miliyoona $10 FEMA fi  U.S. U.S. Small Business Administration (SBA) irraa balaa irraa dandamachuu akka deeggaruuf kennameera.

Abbootiin qabeenyaa manaa fi kireeffattoonni manaa qabeenyi isaanii obomboleettii kanaan miidhame, akkasumas ammallee gargaarsa federaalaaf iyyachuu kan barbaadan, hanga Adoolessa 27, 2024 tti iyyachuu qabu.

Hagayya 26 irraa eegalee gargaarsi dandamannaa Minnesota kanneen akka:

  • Deeggarsa FEMA Individual and Households Program (IHP) kan miliyoona $7 ol abbootii qabeenyaa manaa fi kireeffattoota ulaagaa guutaniif kutaalee Minnesota 19 keessatti kan kennamu. Deeggarsi kun kasaaraa inshuraansii hin qabnee fi inshuraansii gadi aanaa qabuuf akkasumas miidhaa obomboleettii wajjin walqabatee dhufu kaffaluuf kan gargaaru, kanneen akka:
     
    • Gargaarsa mana jireenyaa FEMA miiliyoona $3.8 ol kan suphaa manaa, bakka buusa manaa fi gargaarsa kiraa mana jireenyaa yeroof kaffaluuf kan gargaaru.
    • Gargaarsa Fedhii Biroo miliyoona $3.2 ol kan bakka bu’iinsa qabeenya dhuunfaa fi fedhiiwwan ciccimoo biroo obomboleettii wajjin walqabatan kaffaluuf gargaaru-kan akka kaffaltii sochii fi kuusaa, geejjibaa, kunuunsa daa’immanii, akkasumas baasii yaalaa fi ilkaanii.
  • Liqiin balaa yeroo dheeraa, dhala xiqqaa qabu gara miiliyoona $2.4 tti kan dhiyaatu, abbootii qabeenyaa manaa fi kireeffattoota, dhaabbilee daldalaa fi dhaabbilee tola ooltummaa qabeenya qaamaa balaadhaan miidhame suphuu, deebisanii ijaaruu ykn bakka buusuuf gargaaruu akkasumas miidhaa dinagdee daldala irra gahu uwwisuuf, miidhaa diinagdee dhaabbilee daldalaa garaagaraa fi dhaabbilee tola ooltummaa irra gahu uwwisuuf U.S. Small Business Administration n mirkanaa’eera.

Kana malees, hanga ammaatti himannaan inshuraansii lolaa National Flood Insurance Program miiliyoona $3.2 ol kaffalameera.

Kaawuntiin Minnesota 19 sababa balaa kanaan gargaarsa dhuunfaa FEMA f kan ramadaman: Blue Earth, Cook, Cottonwood, Faribault, Freeborn, Goodhue, Itasca, Jackson, Lake, Le Sueur, Mower, Nicollet, Nobles, Rice, Rock, St. Isteelii, Waaseekaa fi Waatonwaan.

Gareen FEMA Disaster Survivor Assistance (DSA) jiraattonni gargaarsa FEMA f akka iyyataniif, fedhii hatattamaa adda baasuu fi furmaata kennuuf, akkasumas deeggarsa dabalataaf gara dhaabbilee naannoo, isteetii fi dhaabbata tola ooltummaa birootti akka darban gargaaruuf naannoo obomboleettiidhaan miidhame kaawuntii murtaa’e daawwachaa turaniiru. Hanga har’aatti hojjettoonni DSA maatii 20,000 ol fi dhaabbilee daldalaa gara 900 daawwachuun namoonni lubbuun hafan gargaarsa akka argatan godhaniiru.

Dabalataanis, namoota lubbuun hafaniif deeggarsa tokko tokkoon kennuudhaaf, Giddu-galli Balaa FEMA shan kaawuntii balaa kanaan miidhaman keessatti banamaniiru. Hanga har’aatti namoonni 600 ol wiirtuuwwan kanneenitti gargaaramaniiru. Giddugala Balaa Irraa Dandamachiisuu daawwachuuf beellamni kamiyyuu hin barbaachisu. Itti goruun kan simatamu yoo ta'u, yeroo dhiyootti naannoolee miidhaman kanneen keessatti wiirtuuleen dabalataa ni banamu.

Giddugala Balaa Irraa Dandamachuu isinitti dhihoo jiru argachuuf, http://www.fema.gov/drc daawwadhaa. Giddugalli kamuu deeggarsaaf daawwatamuu ni danda'a.

Giddugala osoo hin daawwatin gargaarsa FEMA f iyyachuuf, toora interneetiin DisasterAssistance.gov daawwadhaa, appii mobaayilaa FEMA  buufadhaa ykn Sarara Gargaarsa FEMA 800-621-3362 tti bilbilaa. Yoo tajaajila rileey kan akka viidiyoo rileey (video relay), tajaajila kapshinid telefoonii yookiin tajaajila biroo fayyadamtan, lakkoofsa bilbilaa keessan FEMA'f kennaa.

Odeeffannoo dabalataa waa’ee hojii balaa irraa dandamachiisuu Minnesota argachuuf, www.fema.gov/disaster/4797 daawwadhaa.

Tags:
Last updated