FEMAn bakka jireenyaa dhaabbataa osoon barbaaduu yeroo gabaabaaf gargaarsa ni kennaa?
Kireeffattoonni buqqa’an kanneen yeroo mana jireenyaa yeroo dheeraa barbaadanitti bakka jireenyaa nageenya qabu barbaadan turtii hoteelaa yeroo gabaabaa FEMAn sagantaa Gargaarsa Gaaddisa Ce’umsaa (TSA) isaatiin kaffaluuf ulaagaa guutuu danda’u. Iyyattoonni TSA gaafachuu hin danda’an, garuu FEMAn namoota lubbuun hafan kanneen ulaagaa guutuu danda’anii fi gargaarsa addaa kana barbaachisu ni adda ni baasa. FEMAn ulaagaa TSA sagalee dabalatee mala adda addaatiin ni beeksisa; barreeffama; fi email.
Yoo TSA mootummaa kutaa, naannoo, ykn gosa keessaniin mirkanaa’e, tarreen hoteelota hirmaatan DisasterAssistance.gov irratti ni maxxanfama. Odeeffannoo kanas Sarara Gargaarsa FEMA 800-621-3362 bilbiluun argachuu dandeessu. Yoo tajaajila viidiyoo dabarsuu (VRS), tajaajila bilbilaa mata duree ykn kanneen biroo fayyadamtan, tajaajila sanaaf lakkoofsa keessan FEMAf kenni.