FEMA waliin wal qunnamu itti fufaa

Release Date:
September 24, 2024

Lammiileen Minnesota gargaarsa federaalaaf iyyatan FEMA hordofuu fi iyyata isaanii fuulduratti tarkaanfachiisuuf odeeffannoo dabalataa ykn sanadoota dhihessu  isaan barbaachisuu danda’a. Warri ammallee obomboleettii fi lolaa Waxabajjii 16 – Adoolessa 4 booda dandamachuuf gargaarsa barbaadanii fi ammallee iyyata hin galchine, ammallee yeroo qabu.

Iyyattoota Inshur  aansii qaban 

Yoo karaa FEMA iyyattanii fi miidhaa mana keessan irra ga’eef inshuraansii qabaachuu keessan gabaastan, xalayaa qubsuma inshuraansii ykn dhorkuu FEMAtti dhiyeessu isiin barbaachisa. Akka seeraatti, FEMA n kasaaraa maddoota birootiin uwwifameef beenyaa lammataa kennuu hin danda’u.

Iyyattoonni Murtii FEMA Jalqabaaf yoo Iyyatan

Xalayaa FEMA keessan sirriitti dubbisaa: murtii FEMA ol’iyyannoo yoo filattan maal akka galchitan odeeffannoo dabalataa ni kenna. Guyyaa xalayaan keessan irratti barreeffame irraa eegalee guyyoota 60 qabdu.

Xalayaan ol’iyyannoo keessanii ykn unki Gaaffii Ol’iyyannoo Sagantaa Namoota Dhuunfaa fi Maatii faksii, poostaa ykn qaamaan Giddugala Balaa Deebisuutti dhiyaachuu ni danda’a, ykn yoo akkaawontii FEMA qabaattan, sanadoota keessan karaa mala elektirooniksii ergaa. Akkaawuntii interneetii FEMA uummachuuf, DisasterAssistance.gov daawwadhaa, “Check Status” kan jedhu cuqaasuun qajeelfama hordofaa.

  • Karaa Iimeelii: FEMA, P.O. Poostaa 10055, Hyattsville, MD 20782-7055
  • Faaksiidhaan: 800-827-8112, Xiyyeeffannoo: FEMA
  • Qaamaan: Ol iyyanno kessan galchuuf Disaster Recovery Center kaminuu bira demaa Asii argachuu ni dandessu: fema.gov/DRC.

Sararri bilbilaa bilisaa gargaarsa seeraa namoota balaa ganna kanaan miidhamaniifis  akka jiru yaada keessa galchaa. Namoonni lubbuun hafan dhimmoota seeraa balaa wajjin walqabatan irratti gargaarsa barbaadan kanneen faayidaa FEMA fi SBA wajjin walqabatan dabalatee- 1-877-MY-MN-LAW (1-877-696-6529) bilbiluun ergaa dhiisuu ni  danda’u. Maqaa, lakkoofsa bilbilaa fi kaawuntii bakka jireenyaa keessanii itti dabalaa, kanaaf abbootiin seeraa Minnesota bilbila keessan dafanii deebisuu danda’u. 

Yaadachiisa: Guyyaan Iyyannoo Xumuraa Onkoloolessa 27, 2024 dha

Warra iyyannoo hin galchinee fi gargaarsa agaggamaa barbaadaniif, marsariitii DisasterAssistance.gov, appii mobaayilaa FEMA buufachuudhaan ykn Sarara Gargaarsa FEMA 800-621-3362 bilbiluun adeemsa iyyannoo jalqabuu danda'u. Yoo tajaajila video relay, tajaajila captioned telephone ykn kanneen biroo fayyadamtan, tajaajila sanaaf lakkoofsa keessan FEMA f kennaa.

Guyya xumuraa Onkoloolessa 27 dura iyyachuu keessan mirkaneessaa. Odeeffannoo dabalataa waa’ee hojii balaa irraa dandamachiisuu Minnesota argachuuf www.fema.gov/disaster/4797 .

Tags:
Last updated