Ani kireeffataa dha. Gargaarsa FEMA argachuuf ulaagaa guutuu qabaa?

FEMAn kireeffattoota balaa duraa maallaqa baasii mana jireenyaa yeroo gabaabaa, baasii mana yeroof kireeffachuuf, fi baasii konkolaataa fi qabeenya dhuunfaa barbaachisaa ta’e biroo bakka buusuuf ykn suphuudhaaf bahu kaffaluuf gargaaru kennuu danda’a.  FEMA baasii yaalaa, ilkaan, kunuunsa daa’immanii, sochii fi kuusaa inshuraansii hin qabne kaffaluufis gargaaruu danda’a.

Balaa sanaaf Gargaarsi Mana Jireenyaa Kallattiin kan hayyamame yoo ta’e, kireeffattoonni balaa duraa gargaarsa maallaqaa fayyadamuun mana jireenyaa yeroof ta’u argachuu yoo dadhaban ulaagaa guutuu danda’u.

Last updated