NAMOOTA MINNESOTA LUBBUUN HAFAN (MINNESOTA SURVIVORS): FEMA WALIIN WAL QUNNAMTII QABAADHAA [https://www.fema.gov/om/press-release/20240823/minnesota-survivors-stay-touch-fema] Release Date: August 23, 2024 ST. PAUL – Lammiileen Minnesota gargaarsa federaalaaf iyyatan FEMA hordofuu fi iyyata isaanii fuulduratti tarkaanfachiisuuf odeeffannoo ykn sanadoota dabalataa kennuu isaan barbaachisuu danda’a. Warri ammallee obomboleettii fi lolaa Waxabajjii 16 – Adoolessa 4 booda dandamachuuf gargaarsa barbaadanii fi ammallee iyyata hin galchine, ammallee yeroo qabu. * Iyyattoota Inshuraansii qaban Yoo karaa FEMA iyyattanii fi miidhaa mana keessan irra ga’eef inshuraansii qabaachuu keessan gabaastan, xalayaa qubsuma inshuraansii ykn dhorkuu FEMAtti dhiyeessu isiin barbaachisa. Akka seeraatti, FEMA n kasaaraa maddoota birootiin uwwifameef beenyaa lammataa kennuu hin danda’u.  Iyyattoonni Murtii FEMA Jalqabaaf yoo Iyyatan Xalayaa FEMA keessan sirriitti dubbisaa: murtii FEMA ol’iyyannoo yoo filattan maal akka galchitan odeeffannoo dabalataa ni kenna. Guyyaa xalayaan keessan irratti barreeffame irraa eegalee guyyoota 60 qabdu. Sanadoota keessan karaa hedduudhaan FEMA f galchuu dandeessu.  * KARAA TOORA INTERNEETII:Akkaawuntii FEMA keessan fayyadamuudhaan. Akkaawuntii FEMA banachuuf, DisasterAssistance.gov daawwadhaa, “Apply Online” irratti cuqaasuun qajeelfama hordofaa.  * IIMEELIIDHAAN: Giddugala Tajaajila Adeemsa Biyyaalessaa (FEMA National Processing Service Center) FEMA, Lakk.S. Poostaa 10055, Hyattsville, MD 20782-7055 * FAAKSIIDHAAN: 800-827-8112, Xiyyeeffannoo: FEMA * QAAMAAN: Giddugala Agaggama Balaa kamiyyuu daawwadhaa. Giddugala asirraa ilaalaa: fema.gov/DRC [http://www.fema.gov/drc]. * Yaadachiisa: Guyyaan Iyyannoo Xumuraa Fulbaana 27, 2024 Warra iyyannoo hin galchinee fi gargaarsa agaggamaa barbaadaniif, marsariitii DisasterAssistance.gov [http://www.disasterassistance.gov], appii mobaayilaa FEMA [https://www.fema.gov/about/news-multimedia/mobile-app-text-messages] buufachuudhaan ykn Sarara Gargaarsa FEMA 800-621-3362 bilbiluun adeemsa iyyannoo jalqabuu danda'u. Yoo tajaajila viidiyoo rileey, tajaajila kapshinid telefoonii ykn kanneen biroo fayyadamtan, tajaajila sanaaf lakkoofsa keessan FEMA f kennaa. YEROO XUMURAA FULBAANA 27 DURA IYYACHUU KEESSAN MIRKANEEFFADHAA. Odeeffannoo dabalataa waa’ee hojii balaa irraa dandamachiisuu Minnesota argachuuf www.fema.gov/disaster/4797 daawwadhaa [http://www.fema.gov/disaster/4797].